Gidduu Kana Sooshaal-Miidiyaa fi Weebsaayitii adda addaatiin Hooggantoota Dhaabbata Dimokraatowaa Ummmata Oromoo Dh.D.U.O ilaalchisee himamaa ture dhugaa akka hin ta’in HornAffairs/Afaan Oromoo/n odeeffannoo qaama ilaalurraa fudhatee fi Yaalii ofiif mirkaneessuuf godheen hubatee jira. HornAffairs/Afaan Oromoo/n Hoogganaan Waajjira Dhaabbata Dimokraatowaa Ummata Oromoo Dh.D.U.O Obbo Dhaabaa Dabaleen dhaquun hojii idilee isaanii akka hojjataa jiran Waajjira isaanii kan Finfinnee naannowa iSteediyooma jedhamu, Galma Aadaa Oromoo duuba jirutti argamuun mirkaneeffatee jira. Gama biraan odeeffannoo waajjira Dh.D.U.O qaama ilaalurraa araganneen Dh.D.U.O keessatti jijjiiramni Hooggantootaa akka hin jirree fi oduun hafarfamaa jiru kun guutumaa guututti soba tahuu isaa beekuun danda’amee jira. “Ololli hafarfamu kun hojii jarreen Nageenyaa fi Misooma ummata kenyaatiif hirriiba dhabanii fi hawwa duwwaa isaanii ti. Cubbuun hafarfamu kun jarreen kanaaf haarawaa miti. Waggaalee 25nan dabran guutuus akkanumatti hafarfaasaa turan. Ummatni keenya waan sirritti isaan beekuuf akkuma ammaan duraa godhu gurra hin kennineef. Dhaabbatni Dimokraatowaa Ummata Oromoo Dh.D.U.On oduun osoo hin ta’in hojii hojjateenii fi hojjachaa jiruun bu’aa, maalummaa fi fayyadaminsa ummata Oromoo kan mirkaneesse.” tahuu isaa kan eeran Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Hoogganaa Waajjira Dhimmoota Kommuninikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ti. Obbo Fiqaaduu Tasammaan dabalataan Dh.D.U.On waadaa ji’a dabre koreen giddu-galeessaa Dh.D.U.O murtii seena-qabeessa dabrsuun ummata isaaf seene galmaan gahuuf halkanii-guyyaa hojjachaa akka jiru ibsanii [...]
↧