Quantcast
Channel: Abdulbasit Abdusemed – Horn Affairs
Viewing all articles
Browse latest Browse all 17

ODAA: Bakka Waaqni hariiroosaa nama wajjin ittihaaromsate

$
0
0
(Saamraawiit Girmaa) Oromiyaa bal’oon magariisaafi uumamaan kan badhaate akka taate beekamaadha. Gosoota bineensotaafi beeladootaa, biqiltoota, gaarren, lageen, haroowwaniifi uumamawwan biroos of keessaa qabdi. Oromiyaan magariisaa ta’uusheetiin gosoota biqiltootaafi mukeenii heddumminaan qabdi. Bosona Itoophiyaan qabdu keessaa harki caalaan naannoo kanatti akka argamu qorannooleen ni mirkaneessu. Gosoota mukeenii keessaas kanneen akka Odaa, laaftoo, birbirsa baddeessaa, harbuufi kanneen biroo tarreessuun ni danda’ama. Barreeffama keenya har’aatiinis kabajaafi jaalala Oromoon muka Odaatiif qabuufi Odaan wiirtuu seenaa Oromoo ta’uusaa ilaalchisuun kan kitaaba ‘Sirna Gadaa, Siyaasa Oromoo Tuulamaa’ jiildii 1fa irraa arganne akka gaazexaa keenyaaf ta’utti qindeessinee isin dubbisiisna. Odaan muka lalisaa ta’ee uumamaan biftisaa harbuu yookaan qilxuu fakkaatuudha. Mukti kun yoo ongeen dheeratellee hingogu. Kana malees, uumamaan lafa jala bakka bishaan ykn jiidhinni jirutti biqila. Guddinnisaa hanga ta’e ol ka’ee dameensaa waan waggaa waggaan dalga dagaaguuf gaaddisa guddaa ta’uudhaan namaafi looniif qabbana kenna. Mukti kun umrii dheeraas kan jiraatuudha. Seenaa ummata Oromoo keessatti erga sirni Gadaa jalqabamee (yeroonsaa sirriitti beekamuu baatullee) wiirtuun amantii, siyaasafi dhimmoota hawaasummaa gaaddisa jalatti gaggeeffama. Gaaddisni kunis gaaddisa Odaati. Sababnisaas aadaa Oromoo keessatti Odaan muka ulfaataafi eebbifamaa akkasumas, madda qabbanaati. Gaaddisni Odaa iddoo itti miseensonni Gadaa sadarkaa tokkorraa gara sadarkaa ittaanuutti ce’uusaanii itti ayyaaneffataniifi bakka itti Oromoon siyaasa itti gaggeeffatuudha. Akksumas gaaddisni [...]

Viewing all articles
Browse latest Browse all 17

Trending Articles