(Charinnat Hundeessaa) Ayyaanii Irreechaa duudhaalee Oromoo keessaa tokko Oromoon ummata aadaa, duudhaa, seenaafi ooltee bultee gabbataa qabuudha. Keessumaa aadaafi faalasaama ummata kanaa gadifageenyaan yoo ilaalan barnootaaafi iccitii jireenyaa lakkaa’amee hindhumne, kanneen qaroominaaf xurree ykn raacitii ta’anii tajaajilaa jiran hedduudha. Aadaan calaqqee jiruufi jireenya saba tokkooti. Sabni tokko saba kan biraarraa waanti adda godhu ykn kan ittiin beekamu aadaa bultumasaati. Kunis aadaa uffannaa, fuudhaafi heerumaa, du’aafi awwaalchaa, ayyaanotaafi sirbaa, waliin jireenya maatiifi firaa, nyaataafi dhugaatii, ijaarsa manaafi meeshaa itti fayyadaman, hojiifi hormaataa, taphootaa (ispoortii), akkaataatti dabbasaa (rifeensa) dhahatan ykn filataniifi kkf jennee bakka hedduutti addaan qoodnee ilaaluu ni dandeenya. Sabni dinagdeedhaan guddateefi siyaasaan qaroome, akkasumas kanneen guddinarra jiraniifi duubatti hafoo jedhaman marti aadaa keessa turaniifi jiraataa jiran, akkuma sadarkaa guddinasaaniitti guddifachaafi fooyyeffachaa adeemu malee kan tuffatanii gatan hinqaban. Isa beekuuf aadaan qabeenya guddaa kan dhalootarraa dhalootaan dhaalamuufi seenaa ummata sanaati. Qaroominniifi guddinni marti, maddisaa aadaa sabni sun qaburraa burqa. Aadaa ofii gatanii kan ormaa ergifachuun qaroomuu ykn guddachuun hindanda’amu, ykn eenyummaa ofii gatanii kan ormaatiin liqimfamuu ta’a. Kun ammoo aadaa dhablee ta’uun, aadaa saba biraan gabroomuudha. Ummanni Oromoos aadaa mataasaa kan ormarraa adda isa godhu hedduu qaba. Kan akka sabaatti waliin qabuufi akka gosaatti naannawa naannawasaatti qabu danuudha. Sababoota gara garaatiin [...]
↧