Quantcast
Channel: Abdulbasit Abdusemed – Horn Affairs
Viewing all articles
Browse latest Browse all 17

Adeemsa kenniinsa haqaa Oromoo Gujii

$
0
0
Ogganaan Doorii Abbaa Doorii jedhama. Innis Raaba keessatti nama Abbaa Murtii ta’ee hojjetaa tureedha. Doorii jalatti Hayyuuwwaniifi Jaldhaabota hedduutu argamu. Adeemsa murtii kennuu kan geggeessan Hayyuuwwan yoo ta’an, hojiin Jaldhaabotaa naamusa eegsisuufi himatamtoota dhiyeessuudha. Naannawa tokko tokkotti Dooriin dhimmoota yakka ajjeechaa kan hinilaalle ta’us, Gosa Hokkuu keessatti yakka ajjeechaa dabalatee, dhimmoota kamiyyuu sadarkaa Doorii kanatti ilaalamuufi furmaata argachuu danda’u. Kana keessatti dhimmoonni sadarkaa kanatti furmaata hinarganne sadarkaalee kenniinsa murtii hundaa eeggatee Abbaa Gadaatiif dhiyaata. Gadaa: Sirna Gadaa keessatti aangoo olaanaa kan qabu Abbaa Gadaati. Of jalattis Hayyuuwwan, Jaldhaabotaafi Fagawwan qabata. Sirna kenniinsa murtii keessattis gahee olaanaa kan bahatan Hayyoota. Kana keessatti gaheen Abbaa Gadaa gabaasa murtii Hayyuuwwanirraa dhiyaatu qorachuu, karoorsuu yookaan akka sirratu gochuufi qaamolee isa jala jiraniif qajeelfama kennuurraa kan hafe abbaan gadaa kallattiidhaan adeemsa murtii kennuu hingeggeessu. Sadarkaa kanatti yakki ajjeechaafi dhimmoonni hedduun furmaata ni argatu. Sadarkaa kanatti Abbaan Gadaa dhimmoota humnaa ol ta’an, Yubni akka gargaaru gochuu danda’a. Kunis ta’ee furmaati hinargamne taanaan Gumii Bokkoof akka dhiyaatu ta’a. Gumii Bokkoo: Gumiin Bokkoo waggaa saddeetitti yeroo tokko kan geggeeffamu yoo ta’u gosoota sadeen Gujiitti argaman, Abbootii Gadaafi oggantoota olaanoo sirnichaa, akkasumas oggantoota hawaasa biroo bakka bu’an kan hirmaataniidha. Yaa’ichis guyyoota 28f kan turu yoo ta’u, Annaa Sooraa, naannawa [...]

Viewing all articles
Browse latest Browse all 17

Trending Articles