Quantcast
Channel: Abdulbasit Abdusemed – Horn Affairs
Viewing all 17 articles
Browse latest View live

Mirriysaa: Sirna Harargeetti seenaafi aadaan ittiin ibsamu

$
0
0
(Saamraawiit Girmaa) Oromoon aadaa, seenaafi eenyummaasaatiif bakka guddaa qaba. Kabajaafi jaalala aadaa, seenaafi eenyummaasaatiif qabu kanas haala ittiin calaqqisiifatu hedduu qaba. Akka fakkeenyaattis, barsiifatawwan, barreeffamootaafi afoolawwan eeruun ni danda’ama. Ummanni Oromoo gammachuu, gadda, gootummaa, ittiinbulmaataafi haalota kanneen biroo afoolaan ibsataa tureera; ibsachaas jira. Afoollii seenaa afaaniin dhalootarraa dhalootatti darbuu yoo ta’u, kunis bifa oduu durii, mammaaksa, hiibboo, sirba, weedduu, geerarsaafi haala biraatiin dhihaachuu kan danda’uudha. Afoola Oromoo keessaa sirbi godinaalee addaddaatti haala garagaraatiin kan ibsamuufi moggaasa addaddaa kan qabuudha. Fakkeenyaaf, shaggooyyee, mirriysaa (mirrigaa), dhiichisa, heellee, heellemtaa, daraashii, shoobdoo, arrabsoo tiksee, qirindillee (tapha ijoollee), golollee (huruursa daa’immanii)fi kkf eeruun ni danda’ama. Maxxansa keenya har’aatiinis afoola Godinaalee Harargee Bahaafi Lixaatti beekaman keessaa Mirriysaa ilaalchisuun barreeffama kitaaba ‘Mirriga Oromoo Harargee’ jedhuurraa argannee akka gaazexaa keenyaaf ta’utti akka armaan gadiitti qindeessinee dhiheessineerra. Afoolli Mirriysaa jedhu akkamiin akka moggaafameefi yoom akka eegalamee ragaan sirrii ta’e akka hinjirre kan eeruu kitaabichi, Harargeetti baroota dheeraaf sirba Mirriysaatti fayyadamaa akka tureefi jiru hima. Sirbichi ummata naannawichaa barattiis daran jaalatamaafi kabajamaadha. Mirriysaan yaada bal’aafi bilchaataa kan of keessaa qabu yoo ta’u, aadaa ummanni tokko qabu ibsuufis ta’e calaqqisiisuuf gahee olaanaa qaba. Harargeetti dhimmaa heeraafi seeraa (dhaddacha), araaraafi dhimmoota birootiif bakka walga’anitti mirrigaatiin yaada waliif dabarsa. Kana jechuun afoola mirriysaa [...]

ODAA: Bakka Waaqni hariiroosaa nama wajjin ittihaaromsate

$
0
0
(Saamraawiit Girmaa) Oromiyaa bal’oon magariisaafi uumamaan kan badhaate akka taate beekamaadha. Gosoota bineensotaafi beeladootaa, biqiltoota, gaarren, lageen, haroowwaniifi uumamawwan biroos of keessaa qabdi. Oromiyaan magariisaa ta’uusheetiin gosoota biqiltootaafi mukeenii heddumminaan qabdi. Bosona Itoophiyaan qabdu keessaa harki caalaan naannoo kanatti akka argamu qorannooleen ni mirkaneessu. Gosoota mukeenii keessaas kanneen akka Odaa, laaftoo, birbirsa baddeessaa, harbuufi kanneen biroo tarreessuun ni danda’ama. Barreeffama keenya har’aatiinis kabajaafi jaalala Oromoon muka Odaatiif qabuufi Odaan wiirtuu seenaa Oromoo ta’uusaa ilaalchisuun kan kitaaba ‘Sirna Gadaa, Siyaasa Oromoo Tuulamaa’ jiildii 1fa irraa arganne akka gaazexaa keenyaaf ta’utti qindeessinee isin dubbisiisna. Odaan muka lalisaa ta’ee uumamaan biftisaa harbuu yookaan qilxuu fakkaatuudha. Mukti kun yoo ongeen dheeratellee hingogu. Kana malees, uumamaan lafa jala bakka bishaan ykn jiidhinni jirutti biqila. Guddinnisaa hanga ta’e ol ka’ee dameensaa waan waggaa waggaan dalga dagaaguuf gaaddisa guddaa ta’uudhaan namaafi looniif qabbana kenna. Mukti kun umrii dheeraas kan jiraatuudha. Seenaa ummata Oromoo keessatti erga sirni Gadaa jalqabamee (yeroonsaa sirriitti beekamuu baatullee) wiirtuun amantii, siyaasafi dhimmoota hawaasummaa gaaddisa jalatti gaggeeffama. Gaaddisni kunis gaaddisa Odaati. Sababnisaas aadaa Oromoo keessatti Odaan muka ulfaataafi eebbifamaa akkasumas, madda qabbanaati. Gaaddisni Odaa iddoo itti miseensonni Gadaa sadarkaa tokkorraa gara sadarkaa ittaanuutti ce’uusaanii itti ayyaaneffataniifi bakka itti Oromoon siyaasa itti gaggeeffatuudha. Akksumas gaaddisni [...]

Siinqee: Kabachiiftuu mirga dubartootaa

$
0
0
(Charinnat Hundeessaa) Seera sirna Gadaatiin tumameef kabachiisuu keessatti siinqeen baatee seeraan falmachuun mirga dubartoota hundaati. Dubartoonni dhiibbaa korniyaa isaanirra gahu ofirraa faccisuuf siinqeetti fayyadamu. Kunis miira ho’aan haala armaan gaditti barreeffameen akka dhiyaatuudha maanguddoonni Oromoo keessumaa Arsiitti kan ibsan. “Kaleessa seera Gadaa keessatti hanfalas naa kenniteetta jaarmiyaa siinqees naa dhaabdeetta. Dhiibbaa akkanaatu narra dhaqqabee naa argi, dhugaa tiyya naa murteessi” jettee himatti. Kanaan booda hanga murtii dhugaa argattutti qe’eetti hingaltu. Inumaayyuu akka armaan gaditti ibsameen dhaadatti. “Diidallee (ala) bulu waraabo nan nyaatuu, Waan kiyyaaf ta’aa waraana hinbarbaaduu Dhugaa tiyya balleessee, ani dhaltiisaa hinelmuu, elemtuu silgaati isaa hinelmuu, elemaa mirgaa isaa hinqabuu, Farda kooraa isaa hinqabuu, natuffate, uumaa tiyya kessaa na baasee.” jettee himannaan, battaluma sanatti hayyoonni bayanii furmaata kennuuf. “Dubartiin hinsobdu” jedhamee waan amanamuuf dubartiirratti ragaan hingaafatamu. Yeroo kana namni (abbaa warraa) himannaan ykn komiin irratti dhiyaate wanti adabamu ni jira. Kaninni adabamuu qabus akka akkana jechuun ibsatti. “Korma Horaa malee, Dhaltii boollaa malee hin nyaadhu. Mirgoo hinbeeku dilgoo hinbeeku” jettee dhaadannaan yaada isii ibsatti jechuudha. Shanachis (‘The judicial body’) yeroodhuma sana bayee raawwachiisaaf. Beektuu cimoo sirna kanaa kan ta’an Aadde Bujjaa Jiloo yoo ibsan, “Akka seera Gadaatti guyyaa seeraa “Ganyaan (dubartootaa obboleeyyan abbaa tokkoofi gosaa fuudhaniifi naannawa tokkotti argaman) [...]

Safuu, duudhaafi aadaa Oromoo leellifamuu qabu

$
0
0
(Charinnat Hundeessaa) Ayyaanii Irreechaa duudhaalee Oromoo keessaa tokko Oromoon ummata aadaa, duudhaa, seenaafi ooltee bultee gabbataa qabuudha. Keessumaa aadaafi faalasaama ummata kanaa gadifageenyaan yoo ilaalan barnootaaafi iccitii jireenyaa lakkaa’amee hindhumne, kanneen qaroominaaf xurree ykn raacitii ta’anii tajaajilaa jiran hedduudha. Aadaan calaqqee jiruufi jireenya saba tokkooti. Sabni tokko saba kan biraarraa waanti adda godhu ykn kan ittiin beekamu aadaa bultumasaati. Kunis aadaa uffannaa, fuudhaafi heerumaa, du’aafi awwaalchaa, ayyaanotaafi sirbaa, waliin jireenya maatiifi firaa, nyaataafi dhugaatii, ijaarsa manaafi meeshaa itti fayyadaman, hojiifi hormaataa, taphootaa (ispoortii), akkaataatti dabbasaa (rifeensa) dhahatan ykn filataniifi kkf jennee bakka hedduutti addaan qoodnee ilaaluu ni dandeenya. Sabni dinagdeedhaan guddateefi siyaasaan qaroome, akkasumas kanneen guddinarra jiraniifi duubatti hafoo jedhaman marti aadaa keessa turaniifi jiraataa jiran, akkuma sadarkaa guddinasaaniitti guddifachaafi fooyyeffachaa adeemu malee kan tuffatanii gatan hinqaban. Isa beekuuf aadaan qabeenya guddaa kan dhalootarraa dhalootaan dhaalamuufi seenaa ummata sanaati. Qaroominniifi guddinni marti, maddisaa aadaa sabni sun qaburraa burqa. Aadaa ofii gatanii kan ormaa ergifachuun qaroomuu ykn guddachuun hindanda’amu, ykn eenyummaa ofii gatanii kan ormaatiin liqimfamuu ta’a. Kun ammoo aadaa dhablee ta’uun, aadaa saba biraan gabroomuudha. Ummanni Oromoos aadaa mataasaa kan ormarraa adda isa godhu hedduu qaba. Kan akka sabaatti waliin qabuufi akka gosaatti naannawa naannawasaatti qabu danuudha. Sababoota gara garaatiin [...]

Finfinnetti manneen barnoota Afaan Oromoo ijaaruun eegalame

$
0
0
Finfinnetti manneen barnoota Afaan Oromoo ijaaruun eegalame Bulchinsa Magaalaa Finfinneetti manneen barnoota Afaan Oromootiin barsiisan ijaaruun eegalameera. Manneen barnoota kun Waldaa Misooma Oromiyaatiin kan ijaarame yammuu ta’u, kutaawwan Magaalaa Nifaas-Silkii, Laaftoo, Gulallee, Kolfee fi Aqaaqiin iddoo ijaarsaatiif filatamaniiru. Manneen barnootaa kun dhalattoonni Saba Oromoo fi dubbattoonni afaanichaa Magaalaa Finfinnee jiraatan Afaan Oromoo akka barataniif gargaaru jedhameera. Manneen barnoota barana ijaarsisaanii eegalaman keessaa lameen deeggarsa dhaabbiileen miti Mootummaa waldichaaf taasisani kan ijaaran yammuu ta’an kanneen hafan birrii Miliyoona 15 Waldaan Misooma Oromiyaa ramadeen ijaaramaa akka kiran himameera. Manneen barumsaa ijaaraman sadarkaan qulqullinasaanii kan eegamee fi abbaa gamoo afurii yammuu ta’an xumuramee tajaajila kennuu wayita eegalanitti kutaa 1ffaa hanga 8ffaatti barsiisu. Manneen barumsaa kana kutaawwan Magaalaa shan keessattiis dabalataan ijaaruu fi ijaarsa wiirtuu addaa eegaluuf waldichi sagantaa galii walitti akka karoorfate beeksiseera. ——–

Gumii Abbootii Gadaa: Utubaa tokkummaafi Oromummaa

$
0
0
Obbo Caalaa Soorii Abbootiin Gadaa Oromoo sirna Gadaa bara dheeraarraa kaasee dhalootarraa dhalootatti, jaarraarraa jaarraatti, Gadaarraa Gadaatti dabarsaa dhufanii jaarraa qaroominaa kanaan gahaniiru. Abbootiin Gadaa Oromoo baay’ina ummatichaarraa kan ka’e godinaa godinatti adda adda faca’anii sirna Gadaa gaggeeffachaa turaniiru. Mootummoonni darbanis abbootiin Gadaa akka walitti dhufanii tokko hintaaneefi Sirni Gadaa balleessuuf baroota dheeraaf dhiibbaa guddaa gochaa turaniiru. Kanumarraa ka’uunis bakkeewwan hedduutti sirnichi akka laafu ta’eera, badeeras. Kan hafes sirni bulchiisaasaa daran kan laafe yoo ta’u,iddoowwan badii jalaa baraarametti waggaa saddeet saddeetiin gadooma walitti dabarsaa as ga’eera. Mootummoonni dabran sirni Gadaa dimokraatawaa ta’uusaa hubachuu yoo dadhabanillee muuxannoonsaa biyya keenyarra dabree biyyoonni adda addaa ittifayyadamaa jiru. Sirni Gadaa ijaarsa sirna dimokraasii addunyaatiif bu’uura ta’uunsaafi qooda olaanaa qabaachuunsaa hubatameera. Ummanni Oromoo sirna Gadaa yoo hundeessu caasaansaa hawaasa Oromoo hunda akka hammatu taasisuun gosoota Oromoo mara Gadaa shanitti hiree tajaajilli walqixaafi haqaqabeessa ta’e akka uumamu taasiseera. Sirnichi saboota adda addaa Oromoo waliin jiraatanis loogii tokko malee bulchaa tureera, bulchaas jira. Nama Oromootti makamuu barbaades mirgasaa eegee moggaasee ofitti makuu bira taree qabeenya itti horuun sirna Gadaa keessatti qooda akka fudhatu taasisee waliin jiraachaa tureera. Ammas abbootiin Gadaa of eeggannoo guddaadhaan loogii tokko malee sirnicha tiksaafi gaggeessaa jiru. Kana waan ta’eef sirni Gadaa har’a mootummaa [...]

Adeemsa kenniinsa haqaa Oromoo Gujii

$
0
0
Ogganaan Doorii Abbaa Doorii jedhama. Innis Raaba keessatti nama Abbaa Murtii ta’ee hojjetaa tureedha. Doorii jalatti Hayyuuwwaniifi Jaldhaabota hedduutu argamu. Adeemsa murtii kennuu kan geggeessan Hayyuuwwan yoo ta’an, hojiin Jaldhaabotaa naamusa eegsisuufi himatamtoota dhiyeessuudha. Naannawa tokko tokkotti Dooriin dhimmoota yakka ajjeechaa kan hinilaalle ta’us, Gosa Hokkuu keessatti yakka ajjeechaa dabalatee, dhimmoota kamiyyuu sadarkaa Doorii kanatti ilaalamuufi furmaata argachuu danda’u. Kana keessatti dhimmoonni sadarkaa kanatti furmaata hinarganne sadarkaalee kenniinsa murtii hundaa eeggatee Abbaa Gadaatiif dhiyaata. Gadaa: Sirna Gadaa keessatti aangoo olaanaa kan qabu Abbaa Gadaati. Of jalattis Hayyuuwwan, Jaldhaabotaafi Fagawwan qabata. Sirna kenniinsa murtii keessattis gahee olaanaa kan bahatan Hayyoota. Kana keessatti gaheen Abbaa Gadaa gabaasa murtii Hayyuuwwanirraa dhiyaatu qorachuu, karoorsuu yookaan akka sirratu gochuufi qaamolee isa jala jiraniif qajeelfama kennuurraa kan hafe abbaan gadaa kallattiidhaan adeemsa murtii kennuu hingeggeessu. Sadarkaa kanatti yakki ajjeechaafi dhimmoonni hedduun furmaata ni argatu. Sadarkaa kanatti Abbaan Gadaa dhimmoota humnaa ol ta’an, Yubni akka gargaaru gochuu danda’a. Kunis ta’ee furmaati hinargamne taanaan Gumii Bokkoof akka dhiyaatu ta’a. Gumii Bokkoo: Gumiin Bokkoo waggaa saddeetitti yeroo tokko kan geggeeffamu yoo ta’u gosoota sadeen Gujiitti argaman, Abbootii Gadaafi oggantoota olaanoo sirnichaa, akkasumas oggantoota hawaasa biroo bakka bu’an kan hirmaataniidha. Yaa’ichis guyyoota 28f kan turu yoo ta’u, Annaa Sooraa, naannawa [...]

የISIS/ISIL የኢትዮጲያውያን ግድያ ቪዲዮ ምን ይላል?

$
0
0
IS ወይም ISIS/ISIL በመባል የሚታወቀው አለም-ዓቀፍ አሸባር ቡድን አል ፉርቃን በተባለ ሚዲያ በኩል “የኢትዮጵያ ቤተ ክርስትያን አባላት የሆኑ የመስቀሉ ተከታዮችን” በአረመኔያዊ አኳኋን የገደለበትን ቪዲዮ መልቀቁ ይታወሳል፡፡ ቪዲዮውን መሰረት በማድረግ እንደሚከተለው ለመዳሰስ ተሞክሯል፡፡ ዋና ዋና ነጥቦች፡- * ነሳራ (Christians/The people of the book) * ኢብን ቴይሚያ (Ibn Teymiyyah) * ጂዝያ (ያላመኑ ላይ የሚጣል ግብር) * የኢትዮጵያ ቤተ ክርስትያን አባላት የሆኑ የመስቀሉ ተከታዮች (The Oriental Orthodox Church (Ethiopia & Egypt)) ይሀ ቪዲዮ የ29 ደቂቃ ርዝመት ያለው ሲሆን በጥቅሉ በነሳራ/በክርስትያኖች (The people of the book) ላይ ያተኮረ ነው፡፡ በዚህም ነሳራን በአራት ክፍሎች ያስቀምጣል፡፡ 1/Western Catholic Church (Europe & other Eastern countries). 2/ The Oriental Orthodox Church (Ethiopia & Egypt). 3/ The Eastern Orthodox Church (Russia, Greece, Many Mediterranean states). 4/ The Protestant Church (Germany, America, Scotland, Norway and Holland) ከዚህ ቪዲዮ አላማ አንፃር ሲታይ ይህ ቪዲዮ ያነጣጣረው የኢትዮጵያና ግብጽ የጋራ መለያ በሆነው ኦርቶዶክስ ተዋህዶ ላይ መሆኑን መገንዘብ ይቻላል፡፡ ለዚህም ነው የግድያውን ምክንያት “ጠላት የሆነችው የኢትዮጵያ ቤተ ክርስትያን መስቀል ተከታዮች” በማለት የገለፀው፡፡ ከ22፡30 – 23፡40 ባሉት ደቂቃዎች ለኢትዮጵያ ቤተ ክርስትያን አባላት የሆኑ የመስቀሉ ተከታዮች ሁለት (2) መሰረታዊ መልዕክት ያላቸውን ለማስተላለፍ የሞከረው፡፡ እነኝህም፡ 1/የኢስላሚክ ኢስቴት (IS) አገዛዝ ስርዓትን እስልምናን በመቀበል እንዲቀላቀሉ ጥሪ ማቅረቡ 2/ ከባርነት ወደ ነጻነት እንዲሸጋገሩ – አንድ ግዛትና አንድ መሪን በመቀበል ከ24፡00 [...]

የIS ሂደት እና የኢትዮጽያ ፀረ-ሽብር ዘመቻ ይጣጣም ይሆን?

$
0
0
 መግቢያ የአሜሪካ መንግስት እ.አ.አ በ2009ዓ.ም በኢራቅ የሚገኘዉን አምባገነናዊ የሳዳም ሁሴን አገዛዝ ለማስወገድ ከሌሎች ምዕራባውያን ሀገራት ጋራ በመሆን ባካሄደው ወረራ የሳዳም ሁሴን አገዛዝን አስወግደው በፋንታው ጠንካራ የኢራቅ መንግስት ሳያቋቋሙና መልሶ ግንባታ ሳያካሄዱ በመቅረታቸው የእልቂቷ ምድረ-ኢራቅ እንዲትፈጠር ምክንያት ሆኗል፡፡ በቀደምት የሰው ልጅ ስልጣኔ የምትታወቀው የባቢሎን ምድረ ኢራቅ በአሁኑ ወቅት በተቃራኒው ተሰልፋ ምድረ እልቂት፡ ምድረ ጦርነት፡ ምድረ ዱንቅርና ሆናለች፡፡ ቀድሞውም በሳዳም አገዛዝ ወቅት የነበረው የ”ሱኒ-ሺዓ” ፖሎቲካ ውጥረት በአከባቢያዊ ጎሳ ግጭት ላይ ተደምሮ የሀገሪቱ ስጋት የነበረ በመሆኑ ከአሜሪካና አጋሮቿ ወረራ ቡኋላ በፈራረሰችውና በመንግስት አልባዋ ምድረ ኢራቅ ነግሶና ግሎ የስንቱን ንጽሃን ዜጎች ህይወት በቀላሉ ቀጥፏል፡፡ ይህ አስከፊ ጦርነት መንግስት አልባ ሊባል የሚትችል ኢቅን በማምጣቱ እንደ IS አይነቱ ሰው-በላ አረመኔያዊ ቡዱን በሃማኖት ሽፋን እንዲፈጠር አድርጓል፡፡ የሰሞኑ የአረብ አብዮት ተከትሎ በሶሪያ መንግስት ላይ የተነሳዉን ህዝባዊ አመጽ ከህዝብ በመንጠቅ የኢራንና ሺዓ አከባቢያዊ የበላይነትን ለማስቆም በሳዑዲ ዓረቢያና ኳታር የሚመራው የገልፍ አረብ ሱኒ ሀገራት ከአሜሪካ ጋር በመተባበር የበሽር አል-አሳድ አገዛዝን ለመገልበጥ ISን ጭምሮ የIS ገባር የሆኑ የተለያዩ ፅንፈኛ ቡዱኖችን አስታጥቋል፡፡ በዚህም IS በሰው ሀይል፡ በገንዘብ፡ በትጥቅና ሌሎች ወታደራዊ ሎጂስቲኮች በሚገባ ተደራጅቷል፡፡ ይህም የIS መቋቋም ጀርባ ማን እንዳለ ፍንጭ ሊሰጠን ይችላል፡፡ የIS ጉዞ አልቃይዳን የማያስታውስ አለ? ኦሳማ ቢን ላዲንን የማያስታውስ አለ? የታሊባን ተዋጊዎችን የማያስታውስ አለ? የሴፕቴምበር 2001 የኒውዮርክ መንትያ ህንፃዎች ጥቃት የሚረሳ አለ? በዓለማችን ኣቻ ያልተገኘለት፡ አለ የተባለ ፖሎቲከኛ፡ ምሁር፡ የሃይማኖት [...]

Ethiopia: Barack Obama’s belated Journey of love

$
0
0
In was on August 30, 2006 that Barack Obama made his first trip to Ethiopia to visit displaced people in the eastern city Dire Dawa. Three weeks earlier, flooding caused by heavy rains had killed more than 600 people and displaced tens of thousands of people in the area. U.S navy, based in neighboring Djibouti,  were taking part in relief operations setting up canvas tents (furnished with straw mats and basic necessities) for housing purposes. No one could have guessed, the then Senator Obama was the next President of the United States of America. Fast forward to 2013, following Obama’s first visit to Africa as President, when he launched the 7 billion Dollars “Power Africa Initiative”, Ethiopia was included among the six benefiting countries . In September 2014, during a bilateral meeting Prime Minister Hailemariam Desalegn in New York, President Obama made a sensational remark by hailing Ethiopia’s bright spots and enormous progress in a country that once had great difficulty feeding itself. He took Ethiopia’s fastest economic growth as a model to the African Continent. He also praised Ethiopia’s difference maker leaders and its counterterrorism, peacekeeping and conflict resolution efforts as an example to the world. In August last [...]

[viidiyoo fi barruu] ‘Oromoo fi DhDUOn bu’ura Itiyoophiyaati’: Fiqaaduu Tasammaa

$
0
0
HornAffairs Afaan Oromoon siyaasaa ummata Oromoo ilaalchisee turtii Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Hoogganaa Biiroo Dhimmoota Koomunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Miseensa Koree Giddu-Galeessaa Dh.D.U.O wajji godhe Guutuu Viidiyoo isaa akkanatti Qindeessinee isiniif dhiheessinee jira. Warra viidiyoo ilaaluu hin dandeenyeef barruun isiniif qopheessinee jirra. [viidiyoo asii gaditti ilaaluu ni dandeessu] ——-   HornAffairs Afaan Oromoo: Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Hoogganaa Biiroo Dhimmoota Koomminikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Miseensa Koree Giddu Galeessa Dhaabbata Dimokraatawaa Ummata Oromoo gaaffii keenyaaf deebii kennuuf hayyamuu keessaniif galatoomaan jedha. Mormiin dhihoo kana ture Kun mormii maal ture? Eennyu morma ture? Maastar-pilaanii morma ture moo? Mootummaa Naannoo Oromiyaa morma ture moo?Mootummaa Feederaalaa morma ture moo? Bulchinsa Magaalaa Finfinnee morma ture moo? Bulchinsa Ganda isaa kan isa bulchu morma ture moo? DH.D.U.O akka dhaaba Siyaasaatti morma ture moo? Sirna Feederaalizimii Biyyooleessaa morma ture moo? Eenyu morma ture? Maal mormu ture? Kanarraa maal beekuu dandeenya? Obbo Fiqaaduu Tasammaa: Jalqaba isiniis galatoomaan jedha. HornAffairsiin dhimmoota Naannoo Oromiyaa keessatti uumamaa turan ilaalchisee sagantaa akkasii qopheessuun dhageeffattoota isaatiitiifiis odeeffannoo madaalawaa fi sirrii tahe kennuuf carraa gaarii isiniif uuma jennee waan yaadnuuf aniis gama kootiin baayyee galatoomaan jedha. Dhimma Gidduu kana tibbana Naannnoo Oromiyaa keessatti uumame mormii maaliiti jennee fudhachuu dandeenyaa? dhimma ja’amee ka’erratti  dhimmicha akka [...]

“መብቱን የማይጠይቅ ተማሪ ለመፍጠር አይደለም የታገልነው”ፍቃዱ ተሰማ –የኦሮሚያና የኦህዴድ አመራር

$
0
0
ባለፉት ወራት በኦሮሚያ በተከሰተው ተቃውሞ የደረሰው ሰብዓዊ ጉዳት እየተጣራ መሆኑን የኦሮሚያ ክልላዊ መንግስት የኮሙኒኬሽን ጉዳይ ቢሮ ሀላፊና እና የኦህዴድ ማዕከላዊ ኮሚቴ አባል የፍቃዱ ተሰማ በተለይ ለHornAffairs ኦሮምኛ በሰጡት ቃለ-መጠይቅ ገለጹ፡፡ ‹‹የሞቱትን፤ የቆሰሉትን፤ ሆስፒታል ከገቡ የሞቱትንም ሆነ በጥቅሉ የክልሉ መንግስት እያጣራ ይገኛል፡፡ ይሀ ተጣርቶ ሲያልቅ የክልሉ መንግስት አስፈላጊ በሆነ አካል የምንገልጽ ይሆናል›› ብለዋል አቶ ፍቃዱ፡፡ በቃለምልልሱ አቶ ፍቃዱ ‹‹የኦሮሞ ህዝብ…የዚህ ፌዴራሊዝም ግንድ ነው፡፡ እንዲሁም በፌዴራላዊ መንግስታችን ውስጥም የፌዴራሊዝሙ እምብርት የኦሮሞ ህዝብ ነው፡፡ ለራሱ አይደለም ለሌላውም ጥላ ነው፡፡›› ያሉ ሲሆን፤ የተለያዩ ወቅታዊና መሠረታዊ ጉዳዮችን ዳስሰዋል፡፡ ሙሉ ቃለ-መጠይቁ (ቪዲዮና ጽሑፍ) ሆርን አፌይርስ ኦሮምኛ ላይ የቀረበ ሲሆን፤ የአማርኛ ትርጉሙን እዚህ አቅርበናል፡፡     ሆርን አፌርስ፡- አቶ ፍቃዱ ተሰማ፤ የኦሮሚያ ክልላዊ መንግስት የኮሙኒኬሽን ጉዳዮች ቢሮ ኃላፊ እና የኦህዴድ ማዕከላዊ ኮሚቴ አባል ለቃለ-ምልልሱ ፍቃደኛ በመሆኖ አመሰግናለሁ:: የሰሞኑ ተቃውሞ የምን ተቃውሞ ነበር? ማንን የሚቃወም ነበር? ማስተር ፕላኑን ነበር የሚቃወሙት ወይስ? የኦሮሚያ ክልላዊ መንግስትን ነበር የሚቃወሙት ወይስ? የፌዴራሉን መንግስት ነበር የሚቃወሙት ወይስ? የአዲስ-አበባ ከተማ አስተዳደርን ነበር የሚቃወሙት ወይስ? አካባቢያቸው የሚያስተዳድረው አስተዳዳሪዎችን ነበር የሚቃወሙት ወይስ? ኦህዴድን እንደ ፖለቲካ ድርጅት ነበር የሚቃወሙት ወይስ? የፌዴራሊዝም ስርዓቱን ነበር የሚቃወሙት ወይስ? ማንን ነበር የሚቃወሙት? ምንን ነበር የሚቃወሙት? ይሀን በተመለከተ ምን ማወቅ እንችላለን? አቶ ፍቃዱ ተሰማ:- እኔም አመሰግናለሁ:: ሆርን አፌርስ በኦሮሚያ ክልል ተከስቶ በነበሩ ጉዳዮችን በተመለከተ እንዲህ አይነት ፕሮግራም ማዘጋጀቱ ለተመልካቹም ሚዛናዊ እና ትክክለኛ [...]

Dh.D.U.O: “Oduun Qotiyyoon Dhale Jedhu Itti Fufee Jira”

$
0
0
Gidduu Kana Sooshaal-Miidiyaa fi Weebsaayitii adda addaatiin Hooggantoota Dhaabbata Dimokraatowaa Ummmata Oromoo Dh.D.U.O ilaalchisee himamaa ture dhugaa akka hin ta’in HornAffairs/Afaan Oromoo/n odeeffannoo qaama ilaalurraa fudhatee fi Yaalii ofiif mirkaneessuuf godheen hubatee jira. HornAffairs/Afaan Oromoo/n Hoogganaan Waajjira Dhaabbata Dimokraatowaa Ummata Oromoo Dh.D.U.O Obbo Dhaabaa Dabaleen dhaquun hojii idilee isaanii akka hojjataa jiran Waajjira isaanii kan Finfinnee naannowa iSteediyooma jedhamu, Galma Aadaa Oromoo duuba jirutti argamuun mirkaneeffatee jira. Gama biraan odeeffannoo waajjira Dh.D.U.O qaama ilaalurraa araganneen Dh.D.U.O keessatti jijjiiramni Hooggantootaa akka hin jirree fi oduun hafarfamaa jiru kun guutumaa guututti soba tahuu isaa beekuun danda’amee jira. “Ololli hafarfamu kun hojii jarreen Nageenyaa fi Misooma ummata kenyaatiif hirriiba dhabanii fi hawwa duwwaa isaanii ti. Cubbuun hafarfamu kun jarreen kanaaf haarawaa miti. Waggaalee 25nan dabran guutuus akkanumatti hafarfaasaa turan. Ummatni keenya waan sirritti isaan beekuuf akkuma ammaan duraa godhu gurra hin kennineef. Dhaabbatni Dimokraatowaa Ummata Oromoo Dh.D.U.On oduun osoo hin ta’in hojii hojjateenii fi hojjachaa jiruun bu’aa, maalummaa fi fayyadaminsa ummata Oromoo kan mirkaneesse.” tahuu isaa kan eeran Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Hoogganaa Waajjira Dhimmoota Kommuninikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ti. Obbo Fiqaaduu Tasammaan dabalataan Dh.D.U.On waadaa ji’a dabre koreen giddu-galeessaa Dh.D.U.O murtii seena-qabeessa dabrsuun ummata isaaf seene galmaan gahuuf halkanii-guyyaa hojjachaa akka jiru ibsanii [...]

Bloggers’ arrest: EPRDF’s message to John Kerry

$
0
0

(Abdulbasit Abdusemed) The Ethiopian ruling party, EPRDF, had followed different ideological routes – from an adherent of Marxist and Maoist teachings to a proponent of developmental state ideology – since its days of armed struggle against the Derg regime to its two decades as government. However, it surprisingly managed to maintain a working relationship with […]

Read more Bloggers’ arrest: EPRDF’s message to John Kerry at Horn Affairs

Ethiopia: Barack Obama’s belated Journey of love

$
0
0

In was on August 30, 2006 that Barack Obama made his first trip to Ethiopia to visit displaced people in the eastern city Dire Dawa. Three weeks earlier, flooding caused by heavy rains had killed more than 600 people and displaced tens of thousands of people in the area. U.S navy, based in neighboring Djibouti,  […]

Read more Ethiopia: Barack Obama’s belated Journey of love at Horn Affairs


Bloggers’ arrest: EPRDF’s message to John Kerry

Ethiopia: Barack Obama’s belated Journey of love

Viewing all 17 articles
Browse latest View live